Dhaabbilee fayyaa dijitaalessuuf hojjatamaa jira- Piroofeesar Natsaannat Warqinaa

You are currently viewing Dhaabbilee fayyaa dijitaalessuuf hojjatamaa jira- Piroofeesar Natsaannat Warqinaa

AMN PLUS- Amajjii 5/2018

Yaa’iin qulqullina fayyaa fi kalaqaa sadarkaa biyyaatti marsaa 9ffaaf sadarkaa Oromiyaatti marsaa 4ffaaf qopheessummaa naannichaatiin Magaalaa Bishooftuutti taa’amaa jira.

Yaa’icha kan saaqan Deetaan Ministiraa Ministeera Fayyaa Aadde Saarallaa Abdullaahii “uwwisa tajaajila fayyaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiru abdachiisaadha” jedhan.

Guddinni dameelee biroon biyyattiin galmeessaa jirtu fooyya’iinsa damee fayyaafis bu’aa olaanaa kan qabaatu ta’uu kaasaniiru.

Kenna tajaajila fayyaa dijitaalessuufi hojiirra oolmaasaaf hojjechuun xiyyeeffannoo hundaa kan barbaadu ta’uu kan eeran Aadde Saarallaan muuxannoowwan yaa’icharraa argamanis hojiirra oolchuuf hojjechuun qooda hundaa ta’uu akka qabu dhaaman.

“Qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuu fi kalaqa guddisuuf waggaa waggaan kan gaggeeffamu yaa’ichi rakkoo damee fayyaa furuuf kan itti mari’atamudha” kan jedhan ammo Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaati.

Kunis fooyya’iinsa damechaaf xiyyeeffannoo akka biyyaatti kennameef kan gumaachu ta’uu himan. Dhaabbilee fayyaa dijitaalessuuf naannichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Piroofeesar Natsaannat dubbataniiru.

Yaa’ii guyyoota lamaaf geggeeffamu kana irratti hooggantootni biiroo fayyaa naannolee, qorattootni damichaa fi bakka buutotni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi UNICEF hirmaataa jiru.

Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply