Ilmi namaa Cuuphaarraa jaalala, tokkummaafi kabaja barachuu qaba- Abbootii Amantaa

You are currently viewing Ilmi namaa Cuuphaarraa jaalala, tokkummaafi kabaja barachuu qaba- Abbootii Amantaa

AMN PLUS- Amajjii 10/2018

Ilmi namaa Cuuphaarraa jaalala, tokkummaafi kabaja barachuu qaba jedhan Abbootiin Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo AMN PLUS waliin turtii taasisan.

Abbootiin amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Malaaka Hiwoot Qomoos Abbaa W/Iyyesuus Seefuu Galataafi Soortuu Amantaa Abbaa G/Maariyam G/Madihin ayyaanni cuuphaa ayyaana ilmi namaa gabrummaafi dukkana jalaa itti baheefi aangoo mucummaa Waaqayyyoo kan itti argateedha jechuun barsiifata amantichaan wal qabsiisanii ibsu.

Gooftaan Iyyesuus kiristoos cuuphaarratti jaalala ilma namaaf qabu kan agarsiise waan ta’eef, ilmi namaas kanarraa jaalala, tokkummaafi kabaja barachuu qaba jechuun dhaaman.

Ayyaanni kunis ayyaana waloo akka tahe himaniiru.

Sirnoota darban keessa Finfinneetti ayyaana cuuphaa kabajuuf, rakkoon dhiphina karaafi qulqullinaan wal qabatu rakkoo turuu kan yaadatan abbootiin amantaa kunneen, amma garuu misooma kooridarii hojjetameen rakkooleen sunneen seenaa ta’aniiru jedhan.

Kanas nama miti laftuu ragaa baha jechuun eeraniiru.

Mootummaa jijjiiramicha fideef galanni ni mala kan jedhan abbootiin amantaa kunneen, ilaalchi ilma namaas dhugaarratti hundaa’uun Misooma biyyaarratti mootummaa cinaa hiriiruun barbaachisaa ta’uu kaasan.

Ayyaanicha wayita kabajnus daaimmaniifi maanguddootaaf dursa kennuun eeggannoo taasisuun akka barbaachisus dhaamaniiru.

Darajjee Bayyanaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply