AMN PLUS- Amajjii 18/2018
Yunivarsiitiin Dirree Dhawaa Mana Barumsaa Muuziqaa Weellisaa Gameessa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraan moggaafamu hundeessuuf qophii irra akka jiru beeksiseera.
Yunivarsiitichatti Daayirektarri Quunnamtii Uummataa fi Idil Addunyaa Tinsaa’ee Haayiluu “Mana Barumsaa maqaa Weellisaa Alii Birraan moggaafamu kana hundeessuuf kan karoorfameef kennaa ogummaa Dirree Dhawaan qabdu fayyadamuufi” jedhan.

Dabalataanis, hambaalee muuziqaa artistii gameessa kanaa yaadachuuf akka ta’e ibsaniiru.
Manni Barumsaa Muuziqaa maqaa Artist Alii Birraan banamu kun ogummaafi aadaa naannawaa irratti fuuleffachuun barumsa akka kennu ta’uu dubbataniiru.
Galteewwan mana barumsichaaf barbaachisan adda baasuuf qophiin taasifamuu kan kaasan Obbo Tinsaa’een, Boordiin Yunivarsiitichaa murtoo kana Ministeera Barnootaaf erguu kaasaniiru.
Waggoota 60 ta’aniif ogummaa isaaf amanamuun, hojiiwwan muuziqaa 260 ol kan gumaache, artistiin guddichi Alii Birraan, yeedalloo muuziqaa hojjachuu fi qindeessuudhaanis ni beekama.
Artistiin jaallatamaa kun Onkoloolessa Bara 2015 akka boqote ni yaadatama.