Deeggersa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Gara Laafeyyii Biroo Daa’ima Waggaa 10 Dhibeen Sireerra Turte Bileen Ashannaafiif Qaqqabe

You are currently viewing Deeggersa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Gara Laafeyyii Biroo Daa’ima Waggaa 10 Dhibeen Sireerra Turte Bileen Ashannaafiif Qaqqabe

AMN PLUS – Guraandhala 26/218

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee deggersi gara laafummaafi gochaan mana Obbo Ashannaafii rakkinaafi dhibeen duufaa jiruufi itti dukkanaa’etti taasisan ifa abdii ta’eera.

Daa’imni waggaa 10’f siree irratti haftee turte Bileen Ashannaafii qindeessummaa Kantiibaa Adaanech Abeebee fi deeggersa abbootiin qabeenyaa taasisaniin biyya alaatti yaalii argachuuf jirti.

Daa’mni kun maatii isheef hangafa yoo taatu, dhalattee guyyaa 40tti dhangala’aa sammuu keessaa ishee mudateen, umuriin ishee waggaa 10 guutus akka hiriyoota ishee taphachuus ta’e barachuu hin dandeessu.

Imala qormaatni itti guutame kana keessatti ciminni abbaa Bileen Obbo Ashannaaffii kan baay’ee nama ajaa’ibsiisu ture. Magaalaa qulqulleessuun jireenya isaa, daa’ima isaafi haadha isaa maanguddoo ta’aan eegaafi kunuunsaa jiraachuun, fakkeenya cichoominaa qalbii namoota hedduu booji’e ta’uu danda’eera.

Obbo Ashannaafiin, mucaa isaa dhibamtu Bileeniin itti dhiyeenyaan kunuunsuuf jecha hojii konkolaachisummaa isaafi kanneen biroo dhiisuun galii gadi aanaan magaalaa qulqulleessuun jiruufi jireenya isaa akkuma eebichaa itti hadhaa’aa tureen wal’aansoo qabaa tureera.

Seenaa gaddisiisaa maatii Ashannaafii kana miidiyaa hawaasummaan yoo qoodamu, akka carraa ta’ee Kantiibaa Adaanech Abeebee biras qaqqabeera. Cal’uma jedhanii darbuun hin taaneef, seenaa jireenyaa wal’aansoon guutame kanaaf mala furmaataa ta’uun gara laafummaa isaanii itti agarsiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech, baajata mootummaa qofa eeguu irra abbootii qabeenyaa Magaalaa Finfinnee qindeessuun furmaata fayyaa daa’ima kanaa deebisuu maluuf kallattiin ittiin yaalamuu dandeessu akka jiraatuuf mala dha’aniiru.

Abbaa Qabeenyaa fi Garee Invastimantii Miidrook Sheeki Alaamuddiin waliin mari’achuun daa’ima Bileen biyya alaatti yaalchisuuf maallaqa malu Birriin Miliyoona Afur (4) akka argamu taasisaniiru.

Kantiibaa Adaanech, mana dhiphoo Obbo Ashannaafiifi maatiin isaa garaa nama nyaatanitti argamuun arjooma yaala fayyaa Bileeniif taasifame kana dabarsanii itti kennaniiru.

Kantiibaa Adaanech “Yaala fayyaa kana deggeruuf yeroo hunda baajata mootummaa qofa eeguu hin qabnu jennee yaadna; kanaaf abbootii qabeenyaa keenya gaafanne, Gareen Invastimantii Miidrook illee waamicha keenya dhaga’ee deeggersa kana taasiseera” jedhan.

Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnees yaalii kanaaf sanada barbaachisu qopheessaa jiraachuu kaasuun abbaan Bileen hatattamaan biyya alaatti geessuun akka yaala argattu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Haala fayyaa Bileen akkasumas miseensotni maatii 6 kutaa dhiphaa tokkotti jiraatan kan ilaalan Kantiibaan, mana jireenyaas abbaa Bileeniif kennaniiru.

Deggersi tasumaa hin eegne taasifamuufii obbo Ashannaafiin kan ibsan yoo ta’u, maatiin isaaniis imimmaan gammachuun dhiqamaa galata qaban Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi abbaa qabeenyaa deggersa taasiseef dhiyeessaniiru.

Kantibaa Adaanech Abeebee gama isaaniin, Gareen Invastimatii Miidrook, tajaajila tolaan kalee dhiquu Hospitaala Minilikiif deggersa taasisaa jiraachuu kaasuun, hojiileen namummaa akkanaa cimanii akka itti fufaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Bileen biyya alaa deemuun yaalamuun fayyitee yeroon itti akkuma hiriyoota ishee biroo dhaabbattee deemtuufi taphattu fagoo akka hin taanes Kantibaa Adaanech Abeebee hawwii qaban ibsaniiru.‎

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply