Kitaabni Mata Dureen Isaa ‘Adwaa

You are currently viewing Kitaabni Mata Dureen Isaa ‘Adwaa

Injifannoo Cululuqaafi Yaadannoo Waloo Itoophiyaanotaa’ Jedhu Eebbifame

AMN PLUS – Guraandhala 28/2018

Kitaabni Mata Dureen Isaa ‘Adwaa

Injifannoo Cululuqaafi Yaadannoo Waloo Itoophiyaanotaa’Jedhu bakka Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqasillaasee, Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummmataa Obbo Taaggasaa Caafoo,Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi qondaaltootni olaanoo Mootummaa biroo argamaniitti yaadannoo Injifannoo Adwaatti eebbifameera.

Kitaabichis Ashaaggiree G/Waldi Abdiitiin (PhD) kan barreeffame yoo tahu, qabiyyeen kitaabichaas hayyoota seenaa kanneen akka Dachaasaa Abbabaa (PhD),Haagos Abrahaa (PhD) fi Gargaaraa Piroofeesaraa Ababaawu Ayyaaleewutiin xiinxalamuun ibsi itti kennameera.

Kitaabileen kana dura waa’ee Injifannoo Adwaa irratti barreeffamaa turan, injifannichi kan waloo akka ta’etti, barreessuu caalaa,gar-tokkee bifa fakkaatuun kan barreeffamaa turan tahuu, hayyooyni kunneen himanii,Kitaabni eebbifamu kun Injifannoon Adwaa kan waloo ta’uu ifatti kan mirkaneesseedha jedhaniiru.

Kitaabichi Injifannoo Adwaan dura waliin jireenyaafi diinagdeen lammiilee Itoophiyaa maal fakkaata kan jedhus odeeffannoo guutuu of keessaa qaba.

Dabalataanis Kitaabichi akka madda odeeffannootti barreessitootaafi dhaloota fuulduraaf kan tajaajilu ta’uu hayyootni kunneen ragaa ba’aniiru.

Barreessaan Kitaabichaa Ashaaggiree G/Waldi Abdii (PhD) sirna eebba kitaabichaa irratti haasawaa taasisaniin,Kitaabichi dhaloota egereef seenaa Adwaa dabarsuu qofaa osoo hin taane madda odeeffannoo qulqulluu ta’ee akka tajaajiluuf hayyootni seenaa gulaaluu ibsuun, kitaabicha maxxansuu keessatti qaamolee deeggarsa taasisaniif mara galateeffataniiru.

Kitaabichis deeggarsa Bulchiinsi magaalaa Finfinnee taasiseen barreeffamuun fuula 1018 kan qabu yoo ta’u, Afaan sadiin jechuunis,Afaan Amaariffaa,Afaan Oromoo fi Ingiliffaan barreeffamee dhiyaatera.

Galiin Kitaabicharraa argamu Yaadannoo Injifannoo Adwaa Sadarkaasaa ol guddisuuf kan oolu ta’a jedhameera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply