AMN PLUS – Ebla 22/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee magaalattiin maqaa ishee fakkaachuurraa hanga namooma dursuutti hojiilee boonsaa milkiin dabaalaman hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Aadde Adaanech pirojektootni namoomarratti xiyyeeffatan, haqa hawaasummaas mirkaneessan bu’aa ba’ii jireenyaa walqixxeessan Finfinnee jiraattota ishee waliin guddattu uumuu dhugoomsaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Pirojektootni namoomaaf dursa kennan barattootni daa’imman ol adeemoon akka hin beelofne, hin daarre akkasumas barnoota isaanii akka adda hin kutnee meeshaaleen barnootaa akka guutamaniif baajata ramaduun imalli barnoota dhalootaaf jedhu bu’aa ijaan argamu galmeessuus Kantiibaa Adaanech kaasaniiru.

Maanguddootni, namootni yeroo humna qaban biyyaaf oolmaa oolan garuu har’aa deeggarsa barbaadan akkasumas lammiileen rakkoo hawaasummaa adda addaa keessa jiran soorata dhabanii akka hin rakkanne taasisuuf imalli fagoo deemamus hubachiisaniiru.
Giddu galootni Soorataa Tasfaa Birhaan lakkoofsaan 30 Finfinnee keessatti ijaaramuun lammiilee harka qalleeyyiif gaaddisa tahaa jiraachuus kan ibsan Kantiibaa Adaanech kunis maanguddootni waan nyaatan argachuun afuura dheeraa akka baafatan taasisuun eebba kan gumaachullee tahuu ibsaniiru.

Pirojeektootni hojjetaman kunniin warreen fuuldura irraa fayyadamaniin duubatti kutaalee hawaasaa hedduuf madda carraa hojii tahuun tajaajilaa jiraachuus Kantiibaa Adaanech hubachiisuu isaanii odeeffannoon Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.