Dubartiin faaya Warqee Birrii Miliyoona tokko ol baasu fudhatte miliqxe to’atamte

You are currently viewing Dubartiin faaya Warqee Birrii Miliyoona tokko ol baasu fudhatte miliqxe to’atamte

AMN PLUS – Bitootessa 12/2018

Shakkamtuu dhuunfaa maqaan ishee Maskaram Zawuduu jedhamu faaya Warqee garaagaraa Birrii Miliyoona 1 caalu baasu fudhatte miliqxe turtii sa’atii 24 hin guunne keessatti to’achuu Poolisiin Finfinnee Ibseera.

Shakkamtuun maqaan ishee eerame kun yakkicha kan raawwatte Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 09 bakka addaa Xoorhaylooch naannawwaa gabaa guddaa Kuwiinsi mana jireenyaa tokko keessaa tahuun ibsameera.

Shakkamtittiin kanaan dura miidhamtuu meeshaan jalaa hatame waliin kan wal beektu yoo tahu, haala ilaallachuun furtuu manaa kuttee seenuun saanduqa keessaa Warqee qubaa abbaa Kaaree 21 Giraama 7, harkatti kan keewwatamu abbaa Kaaree 21 Giraama 14, mormatti kan keewwatamu abbaa Kaaree 21 Giraama 10 walumaagalatti tilmaamaan Birrii Miliyoona 1 fi Kuma 23 kan tahu faaya Warqee garaagaraa akka fudhattee miliqxeen miidhamtuun dhuunfaa buufata poolisii Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo naannawaa Agustaatti iyyannoo dhiyeeffachuun ibsameera.

Buufatni poolisii iyyannoon nama dhuunfaa qaqqabe yeroof yakkicha eenyu akka raawwate beekamuus baatu shakkamtuu to’annoo jala oolchuuf ulfaatas tahu poolisiin garee qorannoofi hordoffii hundeessuun yakkicha eenyu akka raawwate beekuuf maloota ogummaa poolisummaa cimaa fayyadamuun hordoffii taasiseen shakkamtitti turtii sa’atii 24 hin guunne keessatti to’annoo seeraa jala oolchuu danda’uu odeeffannoon buufata poolisii dhimmicha faana dhahaa tureerraa argame hubachiiseera.

Shakkamtuun kun erga to’annoo jala ooltee booda qabeenya hatame keessaa qubeelaan qubaa 2 argamuufi kan hafee Warqeen mormaafi harkatti kan keewwatamu eessatti akka gurgurame qorannoo dabalataa taasifameen yeroo gabaabaa keessatti maallaqa itti gurgurame Birrii Kuma 500 deebisiisuu poolisiin ibseera.

Meeshaalee faaya Warqee garaagaraa hataman guutummaatti deebisiisuun shakkamtuu dhuunfaa irratti qorannoon dabalataa adeemsifamaa jiraachuun ibsameera.

Hawaasni meeshaalee faayaa gatii qaalii baasan lafa qaamolee yakka raawwataniif mijatu kaa’u irraa akka of-qusatu kan hubachiise Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee kanneen yakka raawwatan yeroof miliqanis to’annoo seeraa jala ooluun isaanii waan hin oolleef hawaasni akkuma baratame eeru kennuu irraa eegalee qaamolee nageenyaaf tumsa taasisu cimsee akka itti fufu odeeffannoo AMN’f ergeen ibsuun waamicha dhiyeessera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply