Lammiileen gaggeessaa isaanii filachuuf kaardii filannoo fudhachuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu- Afa-Yaa’ii Aganyahu Tashaagar

You are currently viewing Lammiileen gaggeessaa isaanii filachuuf kaardii filannoo fudhachuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu- Afa-Yaa’ii Aganyahu Tashaagar

AMN PLUS- Bitootessa 12/2018

Afa-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaa Obbo Aganyahu Tashaagar Lammiileen gaggeessaa isaanii filachuuf kaardii filannoo fudhachuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu kan qaban ta’uu ibsan.

Obbo Aganyahu Tashaagariifi Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mohaammad Idriis Magaalaa Goondaritti argamuun kaardii filannoo fudhachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

Obbo Aganyahu ergaa dabarsaniin, ijaarsa sirna diimookiraasii guddisuuf adeemsi filannoo murteessaa ta’uu eeruun lammiileen illee mirga kanatti fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

Dhimmi nageenyaa bu’uura waan hundumaa ta’uu kaasuun hojiilee misoomaa fayyadamummaa uummataa itti fufsiisuuf misoomaafi diimookiraasii wal simsiisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mohaammad Idriis gama isaaniin, adeemsi filannoo ijaarsi sirna diimookiraasii biyya tokko keessatti mirkanaa’uu kan agarsiisu ta’uu kaasuun, lammiileenis sagalee isaanii kennuun gama bilisaafi diimookiratawaan gaggeessitoota isaanii filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply