AMN PLUS – Bitootessa 16/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) misoomni koriidarii qarqara laggeen Finfinnee aarsaa hedduun itti kaffalamee jijjiirama qabatamaa fiduu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi turtii Tv Qaanaa waliin taasisaniin hojiileen misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman roga maraan jijjiirama qabatamaa fiduu hubachiisuun waan ijaan argamu kana fiduuf haarsaan hedduun itti kaffalamee sadarkaa amma jirurra gahu hubachiisaniiru.
Misoomni qarqara laggeen Finfinnee simboo addaa magaalattii tahuu ibsuun hojii hojjetame kana hawaasni qixa sirriin waan hubatee hin fakkaatuu akeekuun Ministirri Muummee jiraattotni magaalaa Finfinnees tahe kanneen biroo bultii keessa aadeffataafi hubataa akka deeman amantaa qaban ibsaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) misoomni qarqara laggeen Finfinnee fageenya 50KM caalu uwwisuu hubachiisuun bakki kaleessa kuusaa balfaa ture har’aa misoomee iddoo bashannanaa mijataa hawaasa magaalattii tahuurra darbe biyyoota Ardii Afrikaaf kan muuxannoon itti qoodamu tahuu ibsaniiru.
Misoomni qarqara laggeen Finfinnee laggeen magaalatti 8 irratti hojjetamaa jiraachuus ibsuun kunis laggeen duraan dhukkubaaf jiraattota saaxilan amma gara bakka sammuun dhala namaa itti boqotu taasisuutti ce’uun bu’aa buuseeraas kaasaniiru.
Laggeen duraan faalaman turan gara qulqullaa’uun faayidaaf akka oolan tahutti dhufus kan hubachiisan Dooktar Abiyyi akkaataan itti balfi dhabamsiifamu ammayyaa’uun hojjetamuun qaama laggeen Finfinnee akka qulqullaa’an taasisuu keessatti qooda qabaachuus dubbataniiru.
Misoomni qarqara laggeen Finfinnee hunda guuttachuus ibsuun qarqarri laggeen misooman kanneenii fageenya meetira 50-100 akkaataa bal’ina isaanitti daandii imala miilaa qabaachuu, biqilootni jalatti boqotan jiraachuufi haalota mijatoo biroo keessatti hammatamanis ibsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) misoomni qarqara laggeen Finfinnee simboo dabalataa Finfinnee tahuu ibsuun waan amma hojjetame kana fiduuf aarsaan hedduu itti kaffalamus akeekuun hojichi rakkina bal’inatti jijjiiruu tahuu dubbachuun hojiin eegalame gaafa guutummaatti xumurame lammiilee Itoophiyaa hundatu itti boona jechuun ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin