AMN PLUS – Bitootessa 16/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) misoomni koriidarii Finfinnee sirna daldalaa magaalattii ammayyeessuu himan.
Hojiin kun ilaafi ilaameen bu’aa argame ta’uu ibsaniiru.
Misoomichi hawaasa buqqise jechuun kanneen fagoofi dhiyoorraa olola oofan jiraachullee kan hubachiisan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) akka Finfinneetti rakkina duraan tureetu bal’inatti jijjiiramee jechuun dubbataniiru.
Mul’ata kee milkeessuuf yeroo hojjettu waan sitti hir’atu jiraachuu akka maluus ibsuun waan lama jaallachuun bu’aa malee qabattee taa’uurra waan bu’aa buusuufi hunda fayyaduutti cituun yoo hojjette akka Finfinneetti milkaa’uun ni danda’amaas hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) addatti misooma koriidarii Finfinneen bu’aa argameef Birbirsi Gooroo (Piyaassaa), Muujjaa (Shiroo Meedaa) akkasumas balbala seensa lammiilee alaa gara Itoophiyaa dhufanii Boolee kaasuun waan kaleessa hin turiin simboon miidhaginaa irra isaanii jijjiire hojjetameeti malee samiirraa kan bu’e miti jechuun dubbataniiru.
Deeggartootni misooma Finfinnee bakkeewwan garaagaraa irraa kaafamanis haala duraan keessa turan irraa gara jireenya bqonnaa haaraatti ce’uu ibsuun karoorri Finfinnee jiraattota ishee waliin guddattu uumuu jedhamee qabamee hojitti galame milkaa’ee hawaasa magaalattii waliin fuula ifaan piroojektoota eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuu caalaa waan nu gammachiisu hin jiru jechuun ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin