AMN PLUS – Bitootessa 15/2018
Finfinnee Keessaa Mana Hojii Mootummaa Tokkotti Hojjettootni Waajjiraa, Bilbila Harkaa Qabatan Bakka Hojiitti Argamuun Hin Danda’amu. Biiroo isa kam? Bilbilli maaliif dhorkama? AMN Dijitaal guutuu odeeffannichaa qabateera
Yeroo dhiyoo as itti quufiinsa maammiltootaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetamaa jiran bakka tokko tokkotti kunis jira sadarkaa nama jechisiisurra gahaniiru.
Naannawwaa manneen hojii mootummaa hojjetaafi tajaajilamaaf mijeessuun tajaajila saffisaafi qulqullina qabu diriirsuun gama boqona kenniinsa tajaajilaa dijitaalessuunillee hojiileen hojjetaman hojimaata badaa kaleessa ture hir’isuun sadarkaa balleessuurraan gahuun danda’ameera.
Bakka tokko tokkotti hojjetan mootummaa tajaajilamaa kaa’ee bilbila harkaa ykn ammoo Kompiwutaraa itti gargaaramu tuttuquun hafee xiyyeeffannoo isaa gara hojii itti ramadamee hojjetuutti akka fuulleffatu taasifameera.

Akka fakkeenyaatti kaasuuf Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Kutaa galmeessaafi Eeyyama daladalaa onlaayinii (Online) tajaajila barbaaddan argachuuf yoo deemtan hojjetan mana hojichaa hundi maammiltoota tajaajiluuf oliifi gadii yoo jedhu malee nama bilbila ykn kompiwutara tuttuqu tokko hin argitan jechuudha.
Kun maalirraa dhufe yoo jettan hojjettootni biiricha duruma gaafa gara mana hojii isaanii deeman bilbilaafi meeashaalee biroo qabatan deeman bakka akka keewwataniif isaaniif eeyyamame keewwachuun hojii isaanii idilee akka seenan murtaa’uun iccitii milkaa’ina mana hojichaati.
Lalisee Alamaayyoofi Abdiisaa Lammeechaa Ogeeyyii galmeessaafi eeyyama daldalaa Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee yoo tahan kanaan dura bilbila qabannee hojii seenuun kabaja tajaajilamaaf kennamu nu dagachiisee tureen ibsuun har’a garuu miira tajaajiltummaa dhugaan maammiltoota mana hojii isaanii deeman onnee guutuun akka tajaajillu nu taasisaan ibsaniiru.
Kunis bilbila bakka biraa keewwatanii hojii irratti fuulleffachuun tajaajila qulqullinaafi saffisa qabu kennuuf mala sirrii tahuu ogeeyyiin kunniin turtii AMN Sagalee Dhalootaa waliin taasisaniin ibsaniiru.
Biirichi hojjetaaf haala mijessuun bibila fudhatan gara bakka hojii akka hin seenne taasisuu dabalatee tajaajila kennamu dijitaalessuun itti quufinsa maammiltoota mana hojichaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabaachu, hojimaata badaa duraan ture hambisuufi yeroo qusachuufillee hojiin akkasii akka jajjabeeffamuu qabu kan ibsan ammoo Daayirektara Komunikeeshinii Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Ashannaafii Birhaanuuti.
Hojiin fakkeenyummaa qabu akkasii bakka hundatti yoo babal’ate tajaajila saffisaafi qulqullinaan kennuuf murteessaa tahuu AMN Dijitaal taajjabeera.
Isin hoo! Tajaajila argachuuf Biirolee Hojii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessaa eessa deemtan beektu? Maaltu isiin mudatee taajjabbii qabdu? Yaada keessaan iftoominaan nuuf qooda!
Gabaasa Yaaloowu Geetaaneh Iddoosaa Abdiiti qindeesse