AMN PLUS – Bitootessa 15/2018
Gaafa tokko taanu miira tokkummaa injifannoo Adwaa kaleessa ture har’as milkeessuun salphaadha jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Sagalee Dhalootaa Obbo Kaasaahun Gonfaa.
Obbo Kaasaahun kana kan jedhan sagantaa waliigaltee waloon hojjechuu Addis Miidiyaa Neetwoork Yaadannoo Injifannoo Adawaa waliin mallatteessan yoo tahu gaafa tokko taanu seenaa guddaa ol keenyee darbuu akka dandeenyu hubachuun barbaachiisaadha jedhaniiru
Adwaan maqaa Finfinnee teessoo gamtaa Afrikaa, dippiloomaatotaafi guutuu biyyaa sadarkaa Addunyaatti beeksise qabeenya waloo Itoophiyaanotaa tahus ibsaniiru.
Obbo Kaasaahun AMN yaadannoo injifannoo Adwaa beeksisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu ibsuun waliigalteen kun kan jalqabaa ta’uu himanii, fuulduratti hojii bal’aa waliin hojjechuuf karaa kan nuuf saaqedhas jedhaniiru.

AMN Qabiyyee, bifiyyee, humna namaafi teeknoloojiin dorgomaa taasisuun caalmaatti miidiyaa filatamaafi dorgomaa gochuuf hojjetamaa jiras Obbo Kaasaahun hubachiisaniiru.
Akka Miidiyaatti yaadannoo injifannoo Adwaa daran sadarkaa Adil Addunyaatti beeksisuuf fiilmiin afaanota garaagaraan hojjetamuu akka qabu ibsanii,kana milkeessuuf AMN deeggarsa barbaachisu ni taasisas ibsaniiru.
Yaadannoo Injifannoo Adawaa Ilaalchisee Hayyoota keenyarraas waan guddaatu eegamaa kan jedhan Obbo Kaasaahun, kitaaba barreessuun jalqabame kana caalaa cimee itti fufuu akka qabus dhaaman.
Daayirektarri Olaanaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa Yoosef Beekoo (PhD) Yaadannoon Injifannoo Adawaa Wiirtuu waan hedduu biyyaaf gumaache tahuu ibsuun biyya weeraramuuf turte tokkummaan baraaruun danda’ameeraa hubachiisuun waliin dhaabbachuu, seenessa qeenxee waan xixiqqoorratti wal fixaa turre keessaa baanee tokkummaan dhaabbachuu kan nutti agarsiise injifannoo Adwaati jedhaniiru.
Seenessa waloorratti xiyyeeffannee ijaarsa biyyaarratti bal’inaan AMN waliin hojjechuuf waliigaltee hojii kana waliif mallatteessinee ibsuun Dooktar Yoosef Miidiyaan qabiyyee bilchina qabu qopheessuun dhaloota ijaaruurratti fuulleffachuu akka qabus eeraniiru.
Gabaasni kan Abdiisaa Fufaati