Balaa lolaa cimaa Keeniyaatti mudateen namootni 80 caalan lubbuun darban

You are currently viewing Balaa lolaa cimaa Keeniyaatti mudateen namootni 80 caalan lubbuun darban

AMN PLUS – Bitootessa 14/2018

Rooba cimaa bubbee makatee baatii kana guutuu itti fufiinsaa Keeniyaatti roobeen namoonni 81 ol lubbuu dhabuun kanneen kuma dhibbatti lakka’aman qe’eerra buqqa’uu Mootummaan biyyattii ibse.

Lolaan kun Kutaa dhihaa biyyattii qofatti lafa hektaara 1200 guutummatti qabeenya waliin mancaaseera.

Naannooleen biyyattii rooba waqtii kanaatiin miidhamaa jiran harki caaluu rakkoo gogiinsaa kana dura hamaa keessa akka turanis ibsameera.

Roobni baatii kana itti fufiinsaan rooba jiru cimee waan itti fufuuf Lammiileen of eeggannoo cimaa taasisuu akka qaban Mootummaan biyyatti dhaamuu France 24 fi AFP gabaasaniiru.

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply