Finfinneen daa’imman bu’uura cimaa akka qabataaniif karooraan hojjechaa jirti

AMN PLUS – Ebla 21/2018

Finfinneen guddina daa’immaniif xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jirtuun bakkeewwan taphaa tajaajila daa’immaniif oolan Kuma 5 ol akkasumas bakkeewwan tursiisa daa’immanii (day care) Kuma 1 ol ijaaramuun ibsameera.

Adeemsi kun daa’imman mana barumsaa osoo hin seenin dura bu’uurarraa jireenya gaarii akka qabaatan taasiisuun guddinni isaanii hanga waggaa 6’tti kunuunsa daa’imummaan duraan sirnaan akka ijaaraman taasisuu keessatti qooda qabaachuu Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibseera.

Kunis yaaddoo tokko malee ijoollee isaanii bakka tursiisa daa’immanii (day care) ijaaraman keessa tursiisuun maatiifi daa’imman hedduun akka fayyadaman taasiseera.

Sagantaan kunuunsa daa’imummaan duraa ashaaraa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee yoo tahu kunis nageenya hawaasummaa jiraattota magaalatti mirkaneessuuf pirojektoota namoomarra irratti xiyyeeffachuun hojjetaman keessaa dhaloota gahoome horachuuf bu’uura kan kaa’u tahuun ibsameera.

Deeggarsi nyaataa daa’immaniif taasifamuufi Finfinnee bakkeewwan hedduutti iddoowwan taphaafi bashannanaa daa’immanii nageenya qabu ijaaramuun, daa’imman har’a gammadanii guddachuufi bori dhaloota biyyaaf tahaan horachuuf carraaqqii Finfinneen taasiisaa jirtuuf agarsiiftuu akka tahe ibsameera.

Ogeeyyiin leenjii fudhachuun gorsa ogummaa kennan lakkoofsaan Kuma 5 ta’an Kutaalee Magaalaa hunda keessatti manaa manatti daa’immaniifi maatii isaaniif gorsaa kennaa jiraachuunillee fiixan bahiinsa hojichaaf qooda qabaachuun ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply