
AMN PLUS- Ebla 29/2018
Qabiyyeewwan gaggabaaboo beekamtii idil addunyaa gonfataniin ijoollee waggaa 13 miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jiru Teengee Teengee Finfinneetti argama.
Teegnee Teegnee saffisaan beekamtii horachuun sadarkaa idil addunyaatti maqaan isaa bashannansiistota fuuldura jiran waliin hiriiruu danda’eera.
Qabiyyeewwan ajaa’ibsiisoo isaas weellistootni bebbeekamoo akka Kiriis Biraawon, Kaardii Bii, Jaason Diruuloofi Idiriis Elbaa’faa hordoftoota isaaniif qoodaa turaniiru.
Teengee Teegnee hojiiwwan bashannanaa irratti hirmaachuu irra darbee shariikummaa ambaasaaddarummaa fi duula hojiilee tola ooltummaa idil addunyaa irrattis akkasuma ni hojjata.

Finfinnee dabalatee magaalota biyyootaa kanaan dura daawwate akka Gamtaa Eemireetota Arabaa, Keeniyaa, Saawudi Arabiyaa, fi Ruwaandaa akkasumas kanneen biroo keessatti simannaan ho’aa taasifameefi hojii beeksisaas hojjateera.
Qabiyyeewwan isaa gaggabaaboo baay’inaan TikTok irratti qoodaman salphaatti kan qabamaniifi daa’immanis bakkeewwan garaagaraatti yeroo isa akkeessuuf tattaafatan mul’ata.
Wayita Kaameraa fuuldura dhaabbatee “Teengee Teengee” jedhu miira ajaa’ibsiisaafi nama kofalchiisu, yeroo tokko tokkos nama gammachiisu wayii uuma.

“Teengee Teengee” jechuun hagam illee biyya Ugaandaatti hiika kallattii qabaachuu dhabus haala itti shubbisaniifi daa’imman ittiin taphataniin miira hedduu qabachuu danda’aniiru.
Daa’imman kanneen keessaa Raangoo Teengee Teengee maqaa dhalootaa “Saad Soozi”n beekamu isa tokko. Fuula isaa Kaameraatti dhiyeessee taphachaa, sirbaa duubatti yoo deemu haalli boca fuula isaa fi ijni isaa fi sochiin qaamaa hundumtuu xiyyeeffanoo heddummootaa harkisuu danda’eera.

Teengee Teengeen Ugaandaa magaalaa Guddoo Kaampaalaatti ALA bara 2013tti dhalate. Yeroo ammaa daa’ima waggaa 13 kan ta’e Teengeen yeroo ammaa rogeeyyii miidiyaa Afrikaa bebbeekamoo keessaa kan maqaan isaa jalqaba irra dhufu yoo ta’u, kaleessa Finfinnee seenuun Yaa’ii Rogeeyyii fi Dhiibba-Uumtota Afrikaa jalqabaa har’aa fi bor adeemsifamu irratti hirmaachaa jira.
Teengee Teengeen hordoftoota TikTok Miliyoona 9.2, kan Instagram Miliyoona 2.2 fi yuutuubii Miliyoona 4.2 qaba.
Mucaan waggaa 13 kun qabiyyeewwan miidiyaa hawaasaa bashannnansiisoo ta’an hojjatuun heddummoota biratti kan beekamtii argate yoo ta’u, dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa waliinis beeksisa hojjachuun galii gurguddaa argachaa jira.
Malkaamuu Abbabaatiin