
AMN PLUS – Ebla 29/2018
Finfinneen waltajjiiwwan Ardiifi Addunyaalessaa gahumsaan keessummeessaa jiraachuu Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalattii ibseera.
Kilaasterri Kabachiisa Dambiifi Bulchiinsa Gaarii Magaalaa Finfinnee Raawwii Karoora Ji’oottan Salgan darbanii bara baajataa 2018’tti Gamaaggameera.
Gamaaggamicharratti kan argaman Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinneefi Walitti Qabduun Kilaastera Kabachiisa Dambiifi Bulchiinsa Gaarii Aadde Liidiyaa Girmaa hojii qindoominaan hojjetameen rakkoo nageenyaa tokkoo malee Magaalattiin dhimmoota garaagaraa ardiifi idil addunyaa gahumsaan keessummeessuu danda’uu milkaa’ina jabaa jechuun kaasaniiru.

Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaan Gaggeeffamu Karaa Nagaafi Dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf Kilasterri Kabachiisa Seeraafi Bulchiinsa Gaarii qindoominaan hojjechuu akka qabus Aadde Liidiyaan ergaa dabarsaniin eeraniiru.
Waltajjii kanaan, Ji’oottan salgan darban Magaalaa Finfinnee keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuufi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irratti Hojii Qindoominaan hojjetameen bu’aawwan gurguddoon galmaa’uunis ibsameera.
Kilaasterichi gama nageenyaa magaalattii mirkaneessuutiin humnoonni nageenyaa uummata waliin ta’uun nageenyaafi tasgabbii magaalattii amansiisaa taasisuu irratti hojii hojjetameen milkaa’ina guddaan galmeessuunis ibsameera.
Aadde Liidiyaan itti dabaluun ijaarsawwaniifi daldala seeraan alaa magaalattii keessatti mul’atan to’achuu irratti kilaastarichi xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiiwwan misooma koriidariifi qarqara laggeenii magaalattii keessatti hojjetamaniif eegumsaafi hordoffiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuus eeraniiru.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan gaggeeffamu karaa nagaafi dimokiraasiin akka adeemsifamuuf kilasterri kabachiisa seeraafi bulchiinsa gaarii kanaa ol qindoominaan hojjechuu akka qabus Aadde Liidiyaan hubachiisaniiru.
Gabaasni kan Jiraataa Biyyanaati