Odeeffannoon qabeenya tarsiimawaa jaarraa kanaa fi utubaa ijoo birmadummaati – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Odeeffannoon qabeenya tarsiimawaa jaarraa kanaa fi utubaa ijoo birmadummaati – MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS- Caamsaa 10/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) odeeffannoon qabeenya tarsiimawaa jaarraa kanaa fi utubaa ijoo birmadummaati jedhan

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad fi hoggantootni olaanoo hojii mootummaa kan itti hirmaatan yaa’iin biyyaalessaa mata duree “ birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin yaa’ii biyyaalessaa fi egzihibiishinii birmadummaa istaatistiksii fi odeeffannoo Itoophiyaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo,Bilisummaa Imaammataaf” jedhu irratti argamuun jijjiiramni damichaan dhufe hedduu gamachiisaa ta’uu mil’achuu isaanii ibsaniiru.

‎Odeeffannoon qabeenya tarsiimawaa jaarraa kanaa, utubaa birmadummaa mootummaan cimaa ittiin ijaaramu ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee, odeeffannoon qaama alaa irraa fudhatamee ykn ergisaan fedhii biyyaalessaa milkeessuun waan hin danda’amneef, birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf odeeffannoo ofii humna ofiin sassaabuu fi balballoomsuun galtee murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi itti dabaluunis hunda caalaa hojiin sassaabbii fi balballoommii odeeffannoo beekumsaa fi ogummaa ijoollee biyyaan yoo raawwatamu arguun sadarkaa biyyaatti kan ittiin boonamu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas “Toorri xiyyeeffannoo keenya bu’aawwan lakkoofsaan ibsaman qofa osoon taane jijjiirama qabatamaa nama irratti fuulleffatanii fi jireenya lammiilee irratti mul’atan ta’uu qaba” jechuun ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply