Finfinneen falaasama ida’amuutiin aadaa waliif qooduu ammayyeessuun jiraattotaaf deggarsa taasisaa jirti – Waajjira Kantiibaa Finfinnee

You are currently viewing Finfinneen falaasama ida’amuutiin aadaa waliif qooduu ammayyeessuun jiraattotaaf deggarsa taasisaa jirti – Waajjira Kantiibaa Finfinnee

AMN PLUS – Caamsaa 12/2018

Finfinneen falaasama ida’amuutiin lammiilee humna hin qabneefi mootummaa irraa deggarsa barbaadan nyaata kennuunkunuunsaa akka jirtu Waajjirri Kantiibaa ibseera.

Magaalaan Finfinnee kuusaa gamoo qofa osoo hin taane bakka kabajni ilma namaa keessatti dagaage ta’uun magaalaa lammiilee ishee soortu, giddugalootni nyaataa itti babal’achaa jiruufi magaalaa tarsiimoo fedhii bu’uuraa jiraattota guddinaan walsimsiisuun tarkaanfachiisaa jirtu akka taates ibsameera.

Haaluma kanaan lammiilee galii xiqqaa qaban, kan humna hin qabne, akkasumas maanguddoota socho’uu hin dandeenyeefi dhukkubsattootaaf nyaata hanga mana isaanii geessuu sirna dandeessisu dirrirsuun duudhaa Itoophiyaa irratti kan fuulleffate falaasama ida’amuutiin misooma nama irratti xiyyeeffate dagaagsuun kutannoo mootummaa kan agarsiisuudha.

Sirni kunis aadaa Itoophiyaa durii kan walii qooduu irraa kan madde amma Magaalaa Finfinneetti haala ammayyaa’aa ta’een raawwatamaa kan jiru itti gaafatamummaa mootummaas ta’ee hojiirra oolaa jira.

Falaasamni ida’amuu guddinni magaalaa tokkoo dheerina gamoo qofaan osoo hin taane, qulqullina jireenya fi kabaja dhala namaa irratti misooma xiyyeeffate babal’isuu kan akeeku akkuma ta’e, misooma koriidariitiin magaalaa qulqulluu jireenya dhala namaatiif mijooftu taate ijaarama kan jirtu ta’uus kaafameera.

Giddu galoonni nyaataa kunis nyaata qofa dhiyeessuu osoo hin taane, kutaa hawaasaa addaan fagaatanii turan walitti fiduun caasaa hawaasummaa magaalaa akka cimsaniif shoora guddaa kan qabu ta’uus eerameera.

Sagantaan kunis jiraattota galii xiqqaa qaban gama kiraa mana jireenyaa, fayyaa fi barnoota ijoollee isaaniitis deggarsi taasifamuun marsaa hiyyummaa cabsuuf gargaarsa guddaa kan qabu ta’uus ibsameera.

Pirojektii guddaa fi baajata olaanaa barbaadu kana itti fufiinsaan bulchuuf, gargaarsa alaa eeguu caalaa abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi tola ooltota qindeessuun miira of-danda’uummaatiin kan ijaarame yoo ta’u, oomisha qonna magaalaa irraa dhufu kallattiin giddu galoota nyaataa kanneen waliin walqunnamsiisuun qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun akka danda’ames ifoomeera.

Sochiin kunis Magaalaa Finfinnee miidhagduu fi ammayyooftu taasisuu qofa osoo hin taane, magaalaa lammiileen kabaja namoomaa isaanii eeggatanii keessa jiraatan akka qabaattus bu’uura hawaasummaa cimaan ijaaramaa kan jiru ta’us odeeffannoon Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee irraa argame ni mlu’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply