“Kitaaba biyyakoof ta’u barreessan jira, yoo fedha waaqaa ta’e dhiyeenya nan xumura” Komishinar Lalisee Dhugaa

You are currently viewing “Kitaaba biyyakoof ta’u barreessan jira, yoo fedha waaqaa ta’e dhiyeenya nan xumura” Komishinar Lalisee Dhugaa

‎AMN Plus- Onkoloolessa 25/ 2018

‎Muuxannoolee biyyoota addaddaa walitti fiduun Oromiyaa Kaartaa Turizimii Addunyaarratti mul’isuuf sochii eegalametti kan makaman barii jijjiiramaati.

Finfinneetti dhalatanii guddatan, achiis waggoota 20 oliif dhaabbilee idil addunyaa gurguddoo keessa hojjechuun booda gara Finfinneetti deebi’uun turizimii bifa dijitaalaan addunyaaf beeksisaa turan. Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa.

Miiltoowwan hojiisaanii biroo waliin ta’uun ‘Visit Oromia’ biraandii Turizimii Oromiyaa addaa taasisuun sochii Turizimii Oromiyaarra darbee kan Itoophiyaallee dadammaqsan.

Tibbana garuu dhibee Kaansarii irraa wal’aanamaa, hojii idileesaanii geggeessaa jiraachuu miidiyaa hawaasummaan erga qoodanii booda namootni hedduun yaadaafi kadhaan akka isaan faana jiran karaalee gara garaan ibsaafii turan.

‎Komishiinar Lalisee Dhugaa bakkuma wal’aanamaa jiranirraa AMN Dijitaal waliin turtii taasisaniin “Waal’aansarra osoon jiru Kitaaba biyyakootiif ta’u barreessuu eegalee, waa’ee gaggeessummaa irratti xiyyeeffata, walakkaa barreesseera, yoo fedha waaqaa ta’e nan xumuras” jedhan.

Yeroo ammaa biyyaa Joordaan Magaalaa Amaanitti hospitaalaa wal’aansa kaansarii kennuun beekamutti wal’aanamaa jiraachuu dubbataniiru. Fayyummaan isaaniis haala gaariirratti akka argamu himan.

‎”Ani nagaadha, abbaan manaa koos na waliin jira rakkoon tokkollee hin jiru” jedhan Komishiinar Laliseen.

‎Otuma wal’aanamaa jiranii hojii biiroo isaanii ijoo, tarsiimoo waggaa shanii akkasumas wantoota gurguddoo fi murteessaa ta’an hojjechaa jiraachuullee kaasaniiru.

‎Hojjettoonniifi hoggantoonni komishinichaa gootota kan jedhan Komishiinar Laliseen, dandeettii fi kaka’umsa guddaa qabaniin waan hundaa milkeessaa jiraachuu kaasan.

“‎Ani waajjira jiraadhes jiraachuu dhabus hooggantootnii fi hojjetootni biiroo kootii hojjechuu danda’u, keessumaa uummata keenyaa fi qaamotni addaddaa of qusannaa tokko malee biyya koo beeksisuun milkaa’inaan akka nu gahan shakkii hin qabu” jedhan.

Tibbana namoonni hedduun dhukkuba koo dhaga’anii jaalalli naaf agarsiisan kanin eegeen oli kan jedhan Komishinar Laliseen, kadhaafi jechoonni isaanii cimina guddaa naaf laateera jedhaniiru.

“Biyyakoofi Oromiyaa ani jaallaadhu tajaajiluutti nan deebi’a. Bor harka waaqaa jira, uummatakoo na jaallatuuf kabajaafi jaalala guddaan qaba” jedhanii humnaafi kaka’umsa haaraan gara hojiisaaniitti akka deebi’aniif ammallee uummanni hundi kadhaa akka isaanii godhu gaafataniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply