Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuun sagantaan Hurufa Boombii qulqulleessuu taasifame

You are currently viewing Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuun sagantaan Hurufa Boombii qulqulleessuu taasifame

AMN PLUS- Amajjii 8/2018

Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa, Dilbataa fi Wiixata kabajamu sababeeffachuun Hurufa Boombii Jaanmeedaatti sagantaan bakka Taabotni bulu qulqulleessuu har’a ganama taasifameera.

Ayyaanni kun bifa aadaa fi duudhaa isaa kabajeen akka kabajamu Waldaan Dargaggoota Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

Waldaan Dargaggoota Finfinnee Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii magaalichaa waliin ta’uun bakka taabotni Mana Amantaa Ortoodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa bulu qulqulleesseera.

Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Finfinnee Obbo Kibraalam Damissee tokkummaa fi walooma calaqqisiisuuf dargaggoon fakkeenya guddaa ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Dargaggootaa Finfinnee Barakat Birbirsaa gama isaan, wayita ayyaanotni addabaabaayii kabajaman dargaggootni gahee isaanii bahachaa turuu eeruun, ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa bifa aadaa fi duudhaa isaa kabajeen akka kabajamu dargaggootni akka tumsan yaadachiiseera.

Saganticha irratti dargaggoonni amantaa garaa garaa hordofaniifi tola ooltonni Magaalaa Finfinnee hirmaataniiru.

Jiraataa Biyyanaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply