Pirojektiin misooma qarqara laggeen Finfinnee Afriikaaf fakkeenya gaarii ta’aa jira- Itti Aanaa Bulchaa Naayiroobii

You are currently viewing Pirojektiin misooma qarqara laggeen Finfinnee Afriikaaf fakkeenya gaarii ta’aa jira- Itti Aanaa Bulchaa Naayiroobii

AMN PLUS-Amajjii 18/2018

Pirojektii misooma qarqara laggeen Magaalaa Finfinnee fakkeenya gaarii fi muuxannoo barnoota qabu akka ta’e Hogganaa Itti Aanaa Bulchiinsa Magaalaa Naayiroobii Jooroogee Muuchiiriin ibsan.

Jijjiiramni magaalatti keessatti adeemsifamaa jiru jiraattota qofa osoo hin taane, keessummoota alaa fi hoggantoota mootummaa sadarkaa olaanoo biyyoota adda addaa irraa dhufan birattis dinqisiifannaa kan argate himan.

Joogooree Muuchiiriin hoggantoota sadarkaa olaanoo keessaa tokkoo yoo ta’an, isaaniis Magaalaa guddoo Diippiloomaasii Afrikaa kan taate Finfinnee daawwataniiru.

Obbo Joogooreen, yeroo daawwannaa isaanitti misooma qarqara laggeen Finfinneefi pirojektoota ijaarsa irra jiran baay’ee isaanii daawwataniiru.

Misoomni pirojektoota qarqara laggeenii Magaalaa Finfinnee kunneen hedduu hawwatoodha kan jedhan Joogooreen, Naayiroobii dabalatee magaalota Afrikaa kanneen birootif fakkeenya gaariifi muuxxannoo guddaa akka ta’e kaasaniiru.

Milkaa’ina misoomaa Magaalaa Finfinnee keessatti mul’ate kanaaf Hoggansi Bulchiinsa Magaalattifi Hoggantootni biyyatti galata argachuuu akka qaban ibsaniiru.

Laggeen Magaalaa Naayiroobii keessaa akkuma kan Magaalaa Fifinnee kana misoomuu akka qaban Joogooreen dubbatniiru.

Pirojektootni Misoomaa Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman jireenya hawaasaa kan jijjiire ta’uu eeraniiru, pirojektootni kunneenis gibira jiraattota magaalaa irraa sassaabameen kan misoome ta’uun fakkeenya guddaa akka ta’es himaniiru.

Biraanuu Warqinaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply