AMN PLUS – Guraandhala 22/2018
Lammileen biyyoota Afrikaa garaagaraa AMN PLUS Sagaleen Dhalootaa dubbise Injifannoon Adawaa mallattoo bilisummaa, tokkummaa, onnee mo’ichaafi miira ofitti amanamummaa uummatoota Afrikaa ta’uu ibsan.
Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwachuun seenaa injifannichaa waan baay’ee hubanneerra kan jedhan lammiileen biyyoota Afrikaa kunneen Itoophiyaan humna koloneeffataa Itaalii of irraa ittisuun Injifannoon galmeessitee injifannoo guutuu Afrikaaf abdii ta’uu danda’eedha waan ta’eef guyyaa kanatti nuuti Afrikaanotni ni boonna jedhan.

Guyyaan injifannoo kanaa Afrikaan mootummaafi uummata ofii tikfachuu akka dandeessuu addunyaatti kan agarsiiseedhas jedhaniiru.
Dhalootni har’aa seenaa Adawaa irraa mootummaa cimaa ijaaruu, tokkummaa tikfachuufi dhiibbaa alaa ofirraa ittisuu barachuu akka qabus dubbatan.
Adawaan seenaa tokkummaafi waloon cichoomuu keessatti humni guddaan akka jiru fakkeenyaas kaasuun biyyootni Afrikaa akkasumas mootummaafi uummatni hariiroo jabaa qabaachuun rakkoofi qormaata kamifiyyuu akka hinjilbeeffanna dhalootni har’aa irraa barachuu qabaas jedhan.

Injifannoon Adawaa uummata Itoophiyaaf fakkeeenya tokkummaafi obbolummaa ta’urra darbe yeroo ammaa keessatti uummata Afrikaa walitti hidhuufi hojii Gamtaa Afrikaa cimsuuf bu’uura cimaa kan kaa’aa jiraachullee dhugoomaniiru.
Injifannoo Adawaa jechuun seenaa dhaloota darbaniin hojjetamee kan darbe qofa osoo hin taane, ardii Afrikaa gara fuulduraatti ofitti amanamummaa, tokkummaa fi birmadummaa isaanii roga maraan jiru eeguufi tiksuuf biyyoota hundaaf yaadama kaka’umsaa ta’ee itti fufuu qaba jechuunis dhaamaniiru.
Kaasiyyee Maanguddaatin