Daawwannaa kanarratti hojiileen misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjataman kan dhalootarraa dhalootatti ce’an, diinagdee kan sochoosan ta’anii hojjatamaa jiraachuun ibsameera.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alamtsahaayi Phaawuloos akka jedhanitti, daawwannaan kun milkaa’inni biyyaalessaa waloon dhugoomsuun akka danda’mu hubannoo walfakkaataa fi qixa ta’e uumuufi gahee irraa eegamu akka bahatan gochuuf ta’uu ibsaniiru.
Akkasumaas, misoomni Magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramee fi hojjatamaa jiru ummata giddu galeessa kan godhate, walitti hidhamiinsa kan qabuu fi haala hunda galeessa ta’een biyyattiif bu’aa olaanaa kan buusu ta’uu ibsaniiru.
Magaalattitti galmoota misooma koridariin milkeessuuf qabameen, damee turizimii sadarkaa olaanaatti ceesisuu, Magaalaa Finfinnee haaroomsuufi deebisanii misoomsuu, bu’uraalee misoomaa guutuu, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu fa’aa kan hammate ta’uun ibsameera.
Daawwii kanaan hojiileen misooma koridarii marsaa lammaffaan hojjatamaa jiran adda addaa kan daawwataman yommuu ta’u, isa keessaa hojiin misooma Koridarii Kaasaanchis ni eerama.
Hoggantoonni kunneen misooma koridarii Kaazaanchis ganda Jireenyaa Galaan Guraa, Giddugala Koonveenshinii Idil-addunyaa Addis fi Pirojektii Caakkaa ni daawwatu jedhamee eegama.
Mahaammad Toofiqtu gabaase.
See insights and ads
All reactions:
44