Gargaaramuurraa bahuuf hojiileen inisheetiivii qonnaan eegalaman bu’aa argamsiisaa jiru- Obbo Addisuu Araggaa

You are currently viewing Gargaaramuurraa bahuuf hojiileen inisheetiivii qonnaan eegalaman bu’aa argamsiisaa jiru- Obbo Addisuu Araggaa

AMN PLUS- Hagayya 19/2017

Gargaaramtummaarraa bahuuf hojiileen inisheetiivii qonnaan eegalaman bu’aalee argamsiisaa jiru jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.

Waltajjiin raawwii damichaa fi kallattiiwwan hojii bara 2018 bakka Dhaabiileen Waamamtootaa fi hoggantoonni Biiroolee Qonnaa Naannoolee argamanitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Obbo Addisuun, gargaaramtummaarraa bahuuf hojiileen eegalaman inisheetiivii damee qonnaan bu’aalee qabatamaa fida jiru jedhan.

Qamadii jallisii Bonee, misooma qonna Arfaasaa fi Gannaa, Buna, Aannanii fi Misooma Qurxummiin bu’aaleen olaanaan argamuu dubbataniiru.

Qamadii jallisii boneen hojii hojjetameen waggaa waggaan qamadii Kuntaala miiliyoona 17 alaa gala ture hambisuun danda’amuu kaasaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Garbuu Biiraaf oomishni alaa galaa ture kan biyya keessan bakka buusuun danda’amuu ibsaniiru.

Bu’aa dameelee kanneeniin argaman gara Ruuziitti guddisuuf tattaaffiin eegalame cimee itti fufuu qaba jedhan.

Naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Gaambeellaa, Afaari fi kanneen birootti misooma Ruuzii teeknooloojiin deeggaramee hojjetamaa jiru caalmaatti babal’isuuf kan hojjetamu ta’uu himuu isaanii TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply