Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) nageenyi naannoo Tigraayitti argame boodatti akka hin deebineef of eeggannaafi hoggansaa olaanaa Obbo Geetaachoo Raddaa taasisan galateeffatan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) nageenyi naannoo Tigraayitti argame boodatti akka hin deebineef of eeggannaafi hoggansaa olaanaa Obbo Geetaachoo Raddaa taasisan galateeffatan

AMN – Bitootessa 29/2017

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Obbo Geetaachoo Raddaa waggoota lamaan darban Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’anii wayita bulchaa turan nageenyi naannoo Tigraayitti argame boodatti akka hin deebineef of eeggannaafi hoggansaa olaanaa taasisaniif galateeffataniiru.

Bu’uura heera RFDI keeyyata 62 (9), Labsii 359/1995, keeyyata 15(3) fi Lakkoofsa danbii 533/2015 akkasumas akkaataa walii galtee nageenyaa Piriitoriyaan Obbo Geetaachoo raddaa waggoota lamaan darban Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’anii gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Keessumattuu nageenyi argame boodatti akka hin deebineef hooggansaafi eeggannoo cimaa qabaniif mootummaan federaalaa beekamtii kan kennuuf ta’uu eeruun hojiiwwan itti aanan irratti walitti dhufeenyaan akka hojjetan mirkaneessuun turtii taasistaniif galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply