Guyyaan Heerri Ragga’e sadarkaa Oromiyaatti magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jira

You are currently viewing Guyyaan Heerri Ragga’e sadarkaa Oromiyaatti magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jira

AMN PLUS- Sadaasa 22/2018

Ayyaanni Saboota Sablamootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti mata duree “Waliigaltee Dimokiraatawaa Tokkummaa Sab-daneessaaf” jedhuun Magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jira.

Ayyaana kana irratti Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyawu Tashaagar, Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahman, hoggantoota olaanoo federaalaafi naannoo akkasumas keessummoonni addaa addaa argamaniiru.

Sadaasa 29 guyyaa heerri biyyattii saboota, sab-lammootaafi uummattoota Itoophiyaan bara 1987 ragga’een booda mirgi afaanii, aadaafi amantaalee hundi walqixa kabaja itti argatanii dha jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.

Istaadiyeemiin Yuunivarsitii Bulee Horaa uummata Godina Gujii Lixaafi Bulee Horaatiin guutamee agarsiisa gara garaan dabaalameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply