Itiyoo-Telekoom fi ‘CAMTEL’ Kaameeruunitti ce’umsa dijiitaalaa saffisiisuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Itiyoo-Telekoom ce’umsa dijiitaalaa Kaameeruun saffisiisuuf dandeessisu CAMTEL waliin waliigaltee kontiraataa Maastar Sarvis jedhamu Kaameeruun magaalaa Yaahundeetti mallatteessuusaa beeksiseera.

Waliigaltichi hoggantoonni CAMTEL hoggansa teeknooloojii olaanaa Itiyoo-Telekoom ijaarsa Dijiitaal Itiyoophiyaa keessatti agarsiise erga daawwatan booda muuxannoo kana gara Kaameeruunitti fiduuf fedhii qaban bu’uureffachuun mallatteeffamuu eerameera.
Dhaabbileen lamaan Kaameeruunitti sirna kaffaltii dijiitaalaa waliingahiinsa faayinaansii mirkaneessu babal’isuufi kilaawudii biyyaalessaa ijaaruun tajaajiloota mootummaa dijiitaalessuuf kan hojjetan ta’uu hubatameera.
Waliigalteen kun boqonnaa Itiyoo-Telekoom bu’uura tarsiimoo 2028 tajaajila daangaa ce’aa dhiyeessuuniifi tumsa ardii cimsuun imala Diijitaal Afrikaa saffisiisuuf akka dandeessisu Itiyoo-Telekoom miidiyaa hawaasummaa isaa irratti ibseera.