AMN PLUS – Bitootessa 16/2018
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee qaamolee oomishaalee bu’uuraa boba’aa, zayita nyaataafi kanneen biroo irratti daballii gatii hin malle taasisan irratti tarkaanfii fudhatamaa jiraachuu ibseera.
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee, Biiroo Daldalaa Magaalattiifi Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee waliin ta’un raawwii hojii to’annoo dhiyeessii oomishaalee bu’uuraafi kabachiisa seeraan wal-qabatee hojjechaa ture qooda fudhattoota waliin qorateera.

Waltajjicha irratti kan argaman Hooggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa qajeelfamni gochoota seeraan ala raawwataman ittisuuf bahe bu’aa buusaa jiraachuu ibsaniiru.
Hooggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj gama isaaniin dhaabbilee boba’aa karaa seeraan gurguran akkasumas man-kuusaawwan zayita nyaataa dabalatee giddu galoota gabaa tajaajila kennuun irra jiraatuu dagachuun hojii al-seerummaa hojjetan adda baasuun tarkaanfiin barsiisaan irratti fudhatamaa jira jedhaniiru.
Aadde Habiibaan sirna bittaafi gurgurtaa oomishalee nagaheen dabaalame hojiirra oolchaa jiraachuus himaniiru.
Gabaasni kan Wangeel Faqqadaati