AMN PLUS- Bitootessa 15/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Finfinneen mallattoo badhaadhinaafi ulaa seensaa turistootaati jechuun ibsan.
Dooktar Abiyyi gaaffiifi deebii Tv Qaanaa waliin taasisaniin waa’ee misooma Finfinneefi akka waliigalaatti Itoophiyaa keessatti jijjiirama damdaneessa mul’achaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniin, Finfinneen agarsiistuu badhaadhiina Itoophiyaa ta’uu eeruun magaalattiin guddina tuurizimii keessatti gahee murteessaa ta’e akka qabdu hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, bara darbeefi barana Finfinneetti akka biyyaattis gama tuurizimiinis guddinni kan galmaa’e ta’uu kaasuun kunis lakkoofsi tuuristoota biyya alaa irraa gara Magaalattii dhufanii akka dabalu taasiseeraa ibsaniiru.

Ministirri Muummee “Finfinneen miidhaguun ishee akka tuuristootni naannolee biyyattii biroo daawwatan daandii bana” kan jedhan yoo ta’u, Finfinneen ulaa seensaa ta’uun tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanumaan wal qabatee, “Namni Finfinnee daawwachuun dinqisiifate magaalota akka Hawaasaa, Arbaaminciifi Baahirdaar daawwachuuf fedhiin qabu ni dabala; Finfinneen imala badhaadhinaa dabalataaf karra seensaa (Pathway) ta’uun tajaajilti” jechuun dubbataniiru.
Tuurizimii irra darbuunis magaalattiin waliin gahiinsa tajaajila hawaasaafi bakkeewwan bashannanaa garaa garaa humna fayyadamuu jiraattotaa giddu galeessa godhate hedduu hojjachuun jiraattotni jireenya sadarkaa isaa eeggate akka gaggeeffatan taasisuun danda’amus Ministirri Muummee turtii isaanii ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e