Haala waliin tarkaanfachuu danda’uun nama hundaaf galaa guyyuu ta’uu qaba – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Haala waliin tarkaanfachuu danda’uun nama hundaaf galaa guyyuu ta’uu qaba – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Bitootessa 15/2018

Ministirri Muummeee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa Loojii ‘Nii’iin Lee Paalmitti taasisan hordofee ergaa dabarsaniin yaada duubatti hafaa keessaa bahuun, hojii, bu’aafi cichoominaan injifachuu qabna” jechuun ergaa dabarsaniiru.

Dooktar Abiyyi “waqtii beekanii fayyadamuun hunduma keenyaaf hidhannoo ta’uu qaba” jechuun ibsaniiru.

Dabalataanis, qonnaan bulaan Arfaasaatti qophaa’e lafa isaa qopheessee qoteefi bulleesse bara dhufutti Itoophiyaatti rakkinaafi beela osoon taane akka quufti jiraatu taasisa” jedhan.

Wanti manca’e tokko waan fayyaalessa ta’e hedduu mancaasa kan jedhan Ministirri Muummee, yaadni boodatti hafaan dhalootaaf bu’aa kan hin buusnefi biyyas duubatti deebisa jechuun ibsaniiru.

“Yoo hin milkoofne hoo jechuun kan gaafatu osoo hin taane akka milkaa’uuf maal gochuun qaba jechuun yaaduun mul’ata tarkaanfataa qabaachuun barbaachisuu tahuus ibsaniiru.

Karoorri kutannoon dabaalame yoo jiraate kaayyoon fagoo imaluun akka danda’amu kan ibsan Dooktar Abiyyi, “Hojiifi milkaa’inni yoo dhufu, yaadni duubatti hafaa bakka dhaba” jechuun hubachiisaniiru.

Gammoojjiin Affaar kanaan dura rakkisaa ture har’a sanyii gaarii ta’uun eenyu illee sadarkaa tuffachuu hin dandeenye irra ga’e naannolee biroo keessattis irra deebi’amuun madda diinagdee guddaa ta’uu kan danda’udhaas himaniiru.

Dooktar Abiyyi, yaada duubatti hafaa hin danda’amu, naaf hin milkaa’u jedhu keessaa ba’uun milkaa’ina galmeessuun kan barbaachisu ta’uu illee akkasuma ergaa dabarsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply