AMN PLUS – Ebla 14/2018
Manni Maree Ministirootaa guyyaa har’aa wal ga’ii idilee 54ffaa taa’een dhimmoota garaagaraa irratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.
Haaluma kanaan Manni marichaa jalqaba irratti waliigalteewwan deggersaa fi liqaa faayinaansii lama irratti mari’ateera. Waliigaltee liqaa Yuuroo Miliyoona 80 Ejensii Misoomaa Faransaay irraa argamee fi karoora riifoormii diinagdee man-dhalee raawwachiisuuf oolu akkasumas liqaa Baankii Invastiantii Awurooppaa irraa argame Yuuroo Miliyoona 110 irratti mari’achuun, manni marichaa waliigalteewwan lamaan imaammata bulchiinsa liqaa biyyattiin kan walsimu ta’uu erga mirkaneeffatee booda dambiiwwan wixinee kanneen Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka ergamuuf sagalee guutuun raggaasiseera

Itti aansuunis manni marichaa waliigaltee eegumsaa fi onnachiistuu warshaa xaa’oo yuuriyaa dhiyaate irratti kan mari’ate yoo ta’u waliigaltichi kallattii imaammata mootummaa kan hordofe ta’uu mirkaneeffachuun Ministeerri Maallaqaa akka waliigalticha mallatteessu akkasumas hojiitti galchu sagalee guutuun mirkaneesseera.
Sadaffaa irratti Wixinee Dambii bu’uuraalee misooma murteessoo nageenya saayibarii irratti yoo ta’u teeknoloojii odeeffannoo bu’uura godhachuun haleellaawwan saayibarii tajaajiloota mootummaa irratti taasifaman diinagdee, hawaasummaa, nageenyaafi tasgabbii biyyattii irratti dhiibbaa uumuu malan ittisuufi balaa dhufuu malu hanqisuuf eegumsaafi to’annoo nageenya saayibarii cimsuu irratti kan fuulleffatedha. Manni marichaas erga irratti mari’atee booda gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darbu sagalee guutuun mirkaneessera.
Manni Marichaa 4ffaa irratti wixineewwan dambii hariiroowwan gama lamaanii idil addunyaa jaha irratti kan mari’ate yoo ta’u gara Mana Maree Bakka bu’oota Uummataatti sagalee guutuun dabarseera.
Dhuma irrattis Manni marichaa Wixinee Dambii Hundeeffama Tajaajila Balaawwan Tasaa fi Ibiddaa irratti mari’achuun barbaachisummaa fi haala ittiin gaggeessuun danda’amu irratti dambiin qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera. Manni Marichaas wixinee dambii kana irratti mari’achuun galteewwan dabaluun erga Gaazexaa Nagaarit irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee akka hojiitti seenu sagalee guutuun raggaasiseera.