AMN PLUS- Ebla 14/2018
Ergaa Guutuu Waajjira Ministira Muummee
Daandii Itoophiyaan misooma jijjiirama qilleensa waliin deemu galmaan ga’uuf qabatte.
Itoophiyaan imala misoomaa jijjiirama qilleensaa dandamatuun bu’aawwan qabatamaan itti fuftee jirti.
Imalli kun dhimmoota jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi madaquu jidduu jiran walitti hidhuun karaa qindaa’een ijaarameera.
Miidhaa jijjiirama qilleensaa hir’isuuf, biyyattiin gadi lakkifama kaarboonii to’achuu, manca’iinsa bosonaa ittisuu fi Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun biliyoona 48 dhaabuun haguuggii magariisummaa biyyattii guddisuuf hojjetteetti.
Haaluma walfakkaatuun, bulchiinsa bishaanii ammayyeessuu fi qonna qilleensaaf mijataa ta’e hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuuf jijjiirama mul’atu fiduu danda’eera.
Damee guddina magaalaatiin, pirojektoota qarqara laggeenii babal’isuun, bu’uuraalee misoomaa magariisaa fi ammayyaa ijaaruun akkasumas geejjiba magariisaa motora hin qabne jajjabeessuun, magaalota sirna eegumsa uumamaa isaanii waliin wal-simsiisuuf kallattii haaraa uumeera.
Sadarkaa biyyaatti, bishaan lafa irraa fi lafa jalaa jallisiidhaaf itti fayyadamuu, sanyiiwwan midhaanii dandamannaa qaban uumuu fi qabeenya loonii cimsuun wabii nyaataa jabeessaa jiru.
Damee annisaatiin, maddoota humna magariisaa babal’isuun akka si’eessituu guddinaatti fudhatamee, industirii fi geejjiba elektiriikiitiif bu’uura ta’eera.
Carraaqqiiwwan kun hundi LT-LEDS (Tarsiimoo yeroo dheeraa misooma lakkisa kaarboonii hir’isu)
TYDP: (Karoora misoomaa waggoota 10)
NDC: (Hirmaannaa sadarkaa biyyaalessaatti raawwataman)
NAP: (Karoora ittisa jijjiirama qilleensaa biyyaalessaa keessatti Galmawwan Misooma Waaraa (SDGs) waliin walsimuun hojiirra oolaa waan jiraniif, Itoophiyaan dhaloota dhufuuf guddina waaraa fi magariisa ta’eef bu’uura buusaa jirti.
Imalli kun deebii yeroo qofa miti; karoora Itoophiyaan gara fuulduraatiif qabatteedha.