Imalli ‎Finfinnee fakkeenya badhaadhina Itoophiyaa taasisuuf eegalame milkaa’era- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Ebla 20/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Badhaadhinni wayita hundeeffamu galmi qabate Itoophiyaan akka badhaatu taasisuu ta’uu kan eeruun Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa biyyattii taasisuuf hojiin bal’aan hojjatamuu kaasaniiru.

Imala deemameen ‎Finfinnee akkuma maqaa ishee abaaboo taasisuun miidhagsuuf hojjatamuu eeruun kunis magariisummaafi hawwatummaa magaalattii qofa osoon taane hojii nama irratti xiyyeeffatuun milkaa’inni olaanaan galmaa’uu gabaasa Raawwii Hojii baatii sagalii dhiyeessan irratti kaasaniiru.

‎Haalli ture hangam kan qormaataan guutame ta’us marii fi hoggansa cimaa kennameen akkasumas aadaa diimookiraasii fi Ijaarsa siyaasaa cimaan gabbisuun irra aanuun akka danda’ame ibsaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech Finfinnee ilaalchisuun yaadotni fiixee lamatti seenessa dogoggoraan rarraafamuun uummata gargar baasuuf ifaajjiin taasifame haala madaalawaa ta’een furmaata akka argatu taasisuu eeraniiru.

‎Kanaanis Finfinneen kan jiraattota ishee qofa osoon taane bakka jireenya dippiloomaatota idil addunyaafi fakkeenya heddumminaafi sabdaneessummaa Itoophiyaa taasisuun milkaa’inni Olaanaan galmaa’uu ibsaniiru.

‎Magaalaan Finfinnee wiirtuu yaa’iiwwan idil addunyaa garaagaraa, hawwata turistiifi magaalaa dippiloomaatoota addunyaa guddittii taasisuu irra darbee nageenya waaraa mirkaneessuun magaalaa naga qabeeyyii Addunyaa keessaa tokko akka taatu hojjatamuus hubachiisaniiru.

Aadde Adaanech ‎Finfinneen jiraattotaaf akka mijattuufillee hojii bal’aa hojjatamaniin fayyadamummaan roga maraa kan itti mirkanaa’e taasisuun milkaa’inni olaanaa galmaa’uus dubbataniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply