Riifoormiin dhaabbilee ammayyeessuuf eegalame firii agarsiisaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Riifoormiin dhaabbilee ammayyeessuuf eegalame firii agarsiisaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Ebla 21/2018

Hojimaatni dhaabbilee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee namarratti kan hirkatan osoo hin taane, hojimaata sirna bu’uureffateen kan geggeeffaman akka ta’aniif hojiin hojjetamaa jiru firii agarsiisaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Ganama har’aa Abbaa Taayitaa Kabachiisa Danbiitti hojiiwwan rifoormii hojjetaman daawwachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Kanaan dura jiraattonni komii qaban ibsachuuf maqaa masoo “Yookaan 50 fidi, ta’uu baannaan kaasi” jedhu kennaniifii akka ture yaadachiisan.

Maqaa kana jijjiiruufi itti quufiinsa jiraattotaa guddisuuf rifoormii walitti fufiinsaan hojjetameen ilaalcha, naamusafi hojmaata ammayyaa hojiirra oolchuun jijjiirama bu’uuraa galmeessiseera.

Hojiwwan kunneen tajaajila waraqaarraa bilisa ta’eefi ariifataa kennuuf, murtii ragaarratti hundaa’e dabarsuufi komiiwwan hiikuuf kan gargaaran yoo ta’u, dabalataanis cabiinsa danbii salphaatti adda baasuun sirreessuuf kan dandeessisaniidha jedhan.

Dabalataanis:

• Appilikeeshinii hirmaannaa kallattii lammiilee mirkaneessu

• Afaanota 5n tajaajila eeruufi komii kan simatu Giddu-gala waamichaa (call center) ammayyaa

• Kutaa hordoffii haalotaa (situation room),

• Giddu-gala leenjii ammayyaa (Smart training center),

• Ijaarsa biiroo ammayyaa (Smart office),

• Bakka tursiisa daa’immanii, kaafteeriyaa hojjettootaa, suuquu shamattootaafi giddu-gala ispoortii tajaajilaaf banaa ta’uu eeran.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply