Bara misoomaa gabaa guddaa Baha Afrikaa – Markaatoo

You are currently viewing Bara misoomaa gabaa guddaa Baha Afrikaa – Markaatoo

‎‎AMN PLUS – Ebla 22/2018

‎‎Handhura Magaalaa Finfinneetti kan argamtuufi sochii daldalaatiin kan beekamtu Markaatoon duuba isheetti manneen dulloomoofi caccaboo keessatti jireenya ilmaan namaa hedduu keessummeessaa jirti.

‎‎Keessattuu naannawaan “Qixal Taraa” jedhamuun beekamu bara magaalattiin teeknoloojiin guddachaa jirtutti jiraattotni lafa ibsaa gahaafi manneen gaariin hin jirree keessatti dararamaa akka jiran kan hubatan Kantiibaa Adaanech Abeebee furmaata kaa’uuf irra deddeebiin daawwataniiru.

‎Kantiibaa Adaanech daawwannaa booda dhimmich isaan kan marare hatattamaan fala barbaaduf kallattii kan kaa’an ta’uunis ibsameera.

‎Hawaasa galii dhabuurraa rakkoof saaxilamaa ture kanaaf fala waaraa barbaaduuf kutannoon kan hojjetamu ta’uunis ibsameera.

‎Rakkoowwan akkaanaa irra deddeebiin dubbachuu osoo hin taane furmaata barbaaduun jireenya isaanii jijjiiruun akka barbaachisu Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

‎Rakkoo kanas furuuf Kantijbaan ijaarsa gamoo abbaa darbii 8 kan kaaree meetira kuma 10 irra qubatu ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

‎Pirojektiin kun yeroo xumuramu jiraattota hedduudhaaf jireenya kabajamaa kan kennu yoo ta’u, manneen ammayyaa 500 ol kan of keessaa qabu akka ta’uu himameera.

‎Ijaarsi kun gamoo mana jireenyaa kan keessaa qabu osoo hin taane, akkuma markaatoon wiirtuu daldalaa taate manneen daldalaa, dirree ispoortii daa’imman bilisaan itti taphatan kan of keessaa qabu akka ta’uu ifoomeera.

‎‎Pirojektiin xiyyeeffannaa namoomaa qabu kun iddoowwan kanneen akka “Caati Taraa, Gabsi Taraafi Boombi Taraa” jedhaman ammayyeessuuf murannoon kan itti qophaa’ame ta’uu ibsameera.

‎Kantiibaan kun itti dabaluudhaan pirojektichi qulqullinaafi saffisaan xumuramuun jiraattota naannawichaa irraa kaafaman dabalatee kanneen misoomaaf iddoo biraa irraa kaafaman ji’a afur keessatti manneen ammayyaa’ootti akka galaniif waadaa galun aadaan hojii 24/7 akka hojiitti hiikamus kallattii kaa’aniiru.

‎Shuumii Badhaasooti qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply