
AMN PLUS – Ebla 30/2018
Jilli Angoolaa irraa dhufan hojiilee misooma Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti hojjetaman daawwataniiru.
Jilichi pirojektii seeftiinetii fi hojii (UPSNP) daawwateera.
Pirojektichi maallaqa Baankii addunyaafi mootummaa Itoophiyaan kan hojjatamu yoo ta’u , kutaa magaalichaatti hawaasa sadarkaa jireenyaa gadi aanaa keessa jiran fayyadamoo taasisaa jiraachuun ibsameera
Pirojektichi hojiiwwan misooma magariisaa fi eegumsa naannoo qulqullinaa fi miidhagina magaalaa akkasumas hojii qonna magaalaa of keessatti kan hammate ta’uu himameera.

Hojiiwwan kunneen mootummaan jireenya lammiilee fooyyessuufi carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu isaaf agarsiiftuu tahuun ibsameera.
Jilli Angoolaa kunis “sagantaa Dandeettii Dargaggootaa ga’oomsuu” jedhu kutaa magaalichaa keessatti hojii irra oolaa jiru daawwataniiru.
Kaayyoon daawwannichaas sagantaan misooma magaalaafi seeftiinetiin deggersa Baankii addunyaatiin taasifamaa jiru Itoophiyaatti milkaa’uun biyyattiin gargaaramtummaa irraa oomishtummaatti ce’uun muuxxaannoo fudhachuu akka tahe odeeffannoon waajjira komunikeeshinii kutaa magaalichaa irraa argame ni mul’isa