Marii paanaalii sadarkaa olaanaa Rogeeyyii Miidiyaa Hawaasaa Afrikaan xiyyeeffannoo argachaa jiru

AMN PLUS – Ebla 30/2018

Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026) har’a guyyaa lammaffaa isaa qabateera.

Kaayyoon waltajjichaa bifa dhugaa Afrikaa addunyaatti beeksisuufi seenessa dijiitaalaa abbummaan geggeessuu akka tahe ibsameera.

Yaa’ii taatee seenaa keessatti kan jalqabaa ta’e kanaan, biyyoota Afrikaa 30 irraa kan dhufan dhiibbaa uumtoonni 61 hirmaachaa jiru.

Namoonni kunniin walumaagalatti hordoftoota miiliyoona 321 ol qabu.

Kana malees, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 kanneen hordoftoota miiliyoona 150 qaban seenaa dijiitaalaa haaraa barreessuuf yaa’ii kana irratti hirmaataniiru.

Hirmaattotni yaa’ii kanaa oolmaa isaanii guyyaa jalqabaatiin Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itoophiyaa, Eksipoo Itoophiyaan haa oomishtu kan wiirtuu konvenshinii idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jiruufi wiirtuu oomisha buddeenaa Gullallee daawwataniiru.

Akkasumas, pirojektoota gurguddoo madda dippilomaasii Afrikaa kan taate Finfinnee keessatti ijaaraman, misooma koriidariifi hojiiwwan misoomaa adda addaas daawwataniiru.

Yaa’iin kun carraa dijiitaalaa Afrikaa fuulduraa deebisanii bocuus karoora ofkeessaa qaba.

Yaa’ichi oolmaa isaa har’aatiin dhimmoota sadii irratti mariin paanaalii sadarkaa olaanaa ni gaggeeffama.

Hubannoo nam-tolchee (AI) fayyadamuun, qabiyyee uumtotni gara fuulduratti maqaa gaarii Afrikaa ijaaruufi dhiibbaa dijiitaalaa “Agenda 2063” kan Gamtaa Afrikaa waliin walsimsiisuu jedhurratti ni mari’atama.

Yaa’iin kun gabaasota rakkoolee irratti qofa xiyyeeffatan, seenaawwan guddina Afrikaa dhugaatiin bakka buusuuf tarsiimoo kaayyeffate ta’uun eerameera.

Dabalataan, yaa’iin kun Yaadannoo Injifannoo Adawaa keessatti gaggeeffamuun isaa, bara haaraa Afrikaan seenaa ishee ofii isheetiin seenessuu jalqabdee jirtuuf hiika guddaa kennaaf.

Rogeeyyiin Miidiyaa Hawaasaa Afrikaa kunniin misooma Finfinnee naanna’uun daawwataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply