
AMN PLUS- Caamsaa 10/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Naannoo Somaaleetti piroojektii warshaa xaa’oo meetrik toonii miiliyoona sadii kan Dangotee Giruup waliin ta’uun ijaaramaa jiru daawwataniiru.
Yeroo daawwannaa isaaniitti akka ibsanitti, piroojektii meegaa doolaara biiliyoona sadii oliin ijaaramu kun, bifa fi dandeettii dinagdee biyya keenyaa sadarkaa ol’aanaadhaan jijjiiruuf dandeettii qaba.
Kanaan dura piroojekticha ji’oota 40 keessatti xumuruuf karoorfamee kan ture ta’us, amma garuu yeroo isaa caalaatti gabaabsuuf abbaa qabeenyaa Alikoo Dangotee waliin waliigaltee irra ga’amuu isaa ifa godhaniiru.
Yeroo ammaa kanatti qophiin bakka warshichaa, sarara bishaanii fi bittaa galteewwanii haala gaariidhaan raawwatamaa akka jiru ibsaniiru.
Dabalataanis hojjettoota kuma 5f kan ta’u ijaarsi mana jireenyaa raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, kunis baatii Fulbaana dhufu keessa guutummaatti xumuramee hojii akka jalqabu ni eegama.
Abbaan qabeenyaa Alikoo Dangotee waadaa galan bu’uura godhachuudhaan maallaqa, yeroo fi ogeessota ramaduun kutannoodhaan hojjachaa akka jiran Dooktar Abiyyi ibsaniiru.
Mootummaan hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e dhiyeenyaan gochuun, piroojektichi yeroo gabaabaa murtaa’e keessatti xumuramee rakkoo Itoophiyaa akka furu akka taasisanis mirkaneessaniiru.