Finfinneen Waancaa Afriikaa fi Yaa’ii COP-32 gahumsaan keessummeessuuf haalota dandeessisan qorachuun mirkaneessite

You are currently viewing Finfinneen Waancaa Afriikaa fi Yaa’ii COP-32 gahumsaan keessummeessuuf haalota dandeessisan qorachuun mirkaneessite

AMN PLUS- Amajjii 12/2018

Boordiin Pilaanii Magaalaa Finfinnee qorannoo dorgomtummaa magaalattiin sadarkaa idil-addunyaatti qabdu guddisuu dandeessisu irratti mari’atee mirkaneessuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.

Aadde Adaanech Abeebeen midiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin qorannichi Finfinneen taateewwan gurguddoo addunyaafi ardii gahumsaan olaanaan akka keessummeessitu kan dandeessisu ta’uu eeran.

Qorannoon mirkanaa’e xiyyeeffannoowwan ijoo sadii akka qabu himan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Inni jalqabaa Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa UN (COP-32) bara 2027tti Finfinneen keessummoota kuma 80 simatti kan jedhan Aadde Adaaneech, gahumsi hoteelotaafi bakka bultii magaalittii keessa jiran keessummaa kuma 25 qofaa akka keessummeessuu danda’u eeran.

Qaawwaa kana furuufis hoteelotaa fi appaartimantiiwwan ijaarsi isaanii eegalaman sadarkaa qulqullinasaan akka xumuramaniifi ijaarsi haaraan akka eegalaman gochuudha jedhan.

Lammaffaan, walitti hidhamiinsa daandii babal’isuufi ammayyeessuu, daandii lafoofi biskileetii ammallee babal’isuu akkasumas bakka dhaabbii konkolaataafi terminaalota babal’isuu irratti xiyyeeffata.

Taateewwan ispoortii gurguddoof gamanumaa akka qophaa’amuuf Yaa’ii COP-32 dabalata Waancaa Afriikaa gahumsaan keessummeessuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsanii, kanaafis naannawa Istaadiyeemii Biyyaalessaa Adey Ababaatti bu’uuraaleen misoomaa akka babal’ifaman qorannoo kana bu’uureffachuun mirkanaa’eera.

Waliigalaan sadarkaa COP-32 fi FIFAtiin bu’uuraaleen misoomaa ijaaraman:-

• Bu’uuraalee misoomaa daandiifi geejjibaa

• Hoteelota, Restooraantiiwwan, Peensiyoonii akkasumas manneen daldalaa hedduu ijaaruu

• Dhiyeessii Bishaanii, tajaajila dhangala’aa, telekoomiifi dhiyessii elektiriikaa ammayyaa’e akkasumas bu’uuraalee misoomaa teeknooloojiin wal qabatan

• Misooma Qarqara Laggeenii

• Istaadiyeemii fuulduratti misoomaa kan jiru Pirojektii ‘Windows of Africa’ irratti Pilaazaa Magariisa, Dirree Tapha Golfii, Galmoota, Kaafteeriyaa, Dirree Ispoortii, Giddugaloota Bashannanaafi misooma wal fakkaatoo biroo

• Adeemsi hojimaatasaa, bu’uuraalee misoomaa duraan turaniifi haaraa walitti hidhuun, naannawa Istaadiyeemii haaraatti ijaarsa duraan turan ammayyeessuu haaraammoo tumsa uummataa, dhaabbilee, abbootii qabeenyaafi mootummaan kan ijaaraman ta’a.

Hojiirra oolmaa qorannoo kanaa irratti dursa uummata waliin mariin bal’aan akka gaggeeffamuufi misooma kana irratti akka hirmaatu ni taasifama jedhaniiru Aadde Adaanech.

“Carraan kun jiraattota Finfinneetiif carraa hojii bal’aa fi carraa diinagdee magaalichaa ceesisuu waan uumuuf wal tumsinee waloon akka milkeessinu gamanumaa waamicha koo dhiyeessa” jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply