AMN PLUS – Bitootessa 20/2018
Ayyaanni Jijjiirraa bara haaraa saba Sidaamaa Fichee Cambalaalaa mana saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa kan taate Finfinneetti sirnoota garaagaraan kabajameera.
Keessummoota kabaja sirnichaaf gara magaalattii dhufan kan simatan Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Miliyoon Maatiwoos Itoophiyaan biyya duudhaafi hambaalee Kiiliyyaatiin badhaate tahuu ibsaniiru.
Ayyaanni Fichee Cambalaalaa ayyaana jibbiinsi itti lagatamuufi jaalalli itti lallabamu tahuu himaniiru.

Maanguddootiin saba Sidaamaa duudhaa dinqisiisaa kana tiiksaniifi kunuunsanii har’aan gahun kabajatu malaaf kan jedhan Obbo Miliyoon dhalootni har’aa qabeenya biyyaafi Addunyaa kan tahe kana kunuunsuun dhaloota boruutti dabarsuuf dirqama qabu jedhaniiru.
Deetaan Ministira Turizimii Indaganaa Abbabaa (PhD) gama isaaniin Fichee Cambalaalaan hawwata turiziimii akka biyyaatti jiran keessaa tokko tahuu eeranii qabeenya guddaa Dhaabbata Barnoota Saayinsiifi Aadaa (UNESCO)’tti biyyi keenyaa galmeeffattee qabdu keessaa tahuu himaniiru.
Itoophiyaan beekumsaafi falaasama ganamaatiin badhaatee biyya uummata eenyummaa ofii tiikfachuun kabajaan jiraattee as gahe, biyyi dinqii tahuu ibsaniiru.
Fichee Cambalaalaan walooma, nageenyaafi dhiifama barsiisaa jijjiirraa bara haaraa uummata Sidaamaa ta’uun waggoottan kuma hedduu kan ce’eefi namoota gidduutti dhiifama, waldanda’uufi waloomni kan itti guddatu ayyaana jaalalaati kan jedhan ammoo Deetaa Ministira Aadaafi Ispoortii Pirofeesar Nabiyyuu Baayyeeti.
Gabaasni kan Mahaammad Toofiq