Giddugalli Tajaajila Fayyaa Ammayyaa Hospitaala Yaadannoo Zawudituu har’a eebbifame wal’aansa ammayyaa qulqullina sadarkaa idil-addunyaatti yeroon barbaadu kan guuttate ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen himan.
Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Wiirtuulee yaala fayyaa biyyoota alaa yeroo arginu, yoomi laata biyyikoo dhaabbilee fayyaa ogeeyyiif, yaalamtootaafi namoota wal’aansisaniif mijate kan qabaattu hinaaffaa jedhuuf deebii kan ta’e dha” jedhan.
Giddugalli kun kutaalee ciisichaa yaalamtootaa, tajaajila yaala carallaa, MRI, CT Scan, X Ray, kutaalee yaalamtoota dhibeewwan ciccimoo daa’immaniifi namoota gurguddoo (ICU), Bakka oomisha Oksijiinii, Tajaajila fayyaa VIP, Kutaa OPD, Kutaalee baqaqsanii yaaluufi kutaa bayyanannaa of keessaa qaba.
Dabalataanis kutaa yaala balaa tasaa, laaboraatoorii, manneen qorichaa darbiiwwan hunda irratti, waajjiraalee, kutaalee nyaata itti bilcheeffaman, kaafteeriyaa darbiiwwan hundarratti, galma walga’iifi kutaalee tajaajila biroos qabateera jedhan.